Itoophiyaan marii Hidha Haaromsaan walqabatee taasiifamu cimsitee itti fufti

88

Finfinnee, Amajjii 28/2013 (TOI) - Itoophiyaan Hidha Haaromsaan walqabatee waldhabdee ka'u mariin fufuuf tattaaffii taasiifamu cimsitee kan itti fuftu ta'uu Mininistirri Ministeera Bishaan, Jallisiin fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.

Dooktar Silashiin Aljaziiraa tamsaasa Afaan Arabaa waliin turtii taasiisaniin Itoophiyaan hidhicha ilaalchisee waldhabdee uumamu mariin furuuf ejjennoo cimaa qabatee jirti jedhan.

Mariin sadeen hidhichaa akka itti fufuuf Itoophiyaan fedhii qabaachuu eeruun, kanarraa kan hafe dhimmoonni walxaxaan hin barbaachifne fudhatama hin qabaatan jedhan.

Marii dhimma teeknikaarratti biyyoota yaa'aa gadii waliin gaggeeffameen dhimmoota hedduurratti waliigalteerra ga'amuu himaniiru.

Mariin sadee gaggeessummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu Itoophiyaan adeemsa marii gamtichi gaggeessuun akka itti fufu fedhii qabdi jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015