Yuunvarsitichi giddugala horsiisa qurxiimmii ammayyaa hundeessuun gara hojiitti galuu beeksise

Finfinnee,Amajji 26/2013(TOI)- Yuunvarsitiin Hawaasaa giddugala horsiisa qurxiimmii ammayyaa hundeessuun gara hojiitti galuu beeksise.

Yuunvaarsiitichi itti fayyadama qabeenya qurxummiirratti qooda fudhattoota waliin Magaalaa Hawaasaatti mari’achaa jira.

Pireezdaantiin Yuunvarsiitii Hawaasaa Dr.Ayyaanoo Baraasoo, giddu galichi argannoo qo’annoorratti hundaa’uun qonnaan bultoonni boolla xiqqoo keessatti dhuunfaa isaaniin qurxummii akka oomishaniif hojjechaa jiraachuu himan.

Akkasumas qonnaan bultoonni oomisha qurxummii galtee nyaatarra darbee gabaaf dhiyeessuun fayyadamoo akka ta’aniif ni hojjetamaa jedhan Dr Ayyaanoon.

Haala itti fayyadamaa bishaani kiyyeessaa fi horsiisa isaa itti fufiinsaan mirkaneessuuf hayyoota, ogeeyyii fi qonnaan bultoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf leenjiin hubannoo uumuu kun qophaa’uu Dr. Ayyaanoon himaniiru.

Dabalataanis yuunvarsiitichi giddugala horsiisa qurximmuu ammayyaa baba’alsuuf akka hojjetuus himaniru.
Hanga ammaattis Yuunvarsiitichi cuuciwwan qurxummii kuma 80 ol horsiisuun qonnaan bultoota adda duree 150 raabsuu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015