Itoophiyaan sadarkaa addunyatti malaanmaltummaa hirisuu keessaatti hojii hojjettuun sadarkaa ishee foyyeeffatte,

61

Finfinnee, Amajji,25/2013(TOI)-Itoophiyaan sadarkaa addunyatti malaanmaltummaa hirisuu keessaatti hojii hojjettuun sadarkaa ishee foyyeeffatte,

Sadarkaa dhaabbanni Tiraanspareensii Intarnaashinal jedhamu waggaan baasuu keessaatti itoophiyaan kan bara darbee irra sadarkaa ishee 2 foyyesiteetti

Biyyoota 180 Itoophiyaan bara kana malaanmaltummaa ittisuun sadrkaa 94 i irratti akka argamtuu dhaabbatichi ifoomsera.

Sadarkaa odeeffannoo Ilaalcha Malaanmaltummaa(CPA) bara kanaan waa'een Malaanmaltummaa sababaa weerara vaayirasii koroonaan jiru gaarii miti jedhera.

sababaa weerara vaayirasii Koroonaan ittisni malaanmaltumma waan xiqqateef biyyoota baay'eetti malaanmaltummaan daran hammaatera.

Tiraansparensii Intarnaashinaal sadarkaa ilaalcha Malaanmaltumma bara 2020 akka addunyaatti jiru ifa godheera.

Akka gabaasa dhaabbata kanatti Itoophiyaan biyyoota 180 keessa qabxii dhibba irraa keennaame 38 argachuun sadarkaa 94 irratti argamti.

Somaaliyaa fi Sudaan kibbaa akka gabaasa kanatti biyyota sadarkaa dhimaa irratti argamanidha.

Akka gabaasa dhaabbatichaatti,Niwuzeerland,FInlaanid, Deenmarik, Singaapoor,Siwislaanid fi Siwiidiin maalaanmaltummaan baay'ees rakkoo kan itti hin taanedha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015