Mana barumsaa fedhii addaa ijaarsisuuf dhagaan bu’uraa kaahame

66

Finfinnee, Amajji,25/2013(TOI)-Giiftii Duree Zinnash Taayyaachoo mana barumsaa fedhii addaa Gidduugala Faawundeshinii Diiboraa eegalsiisan.

Waajjirri Giiftii Duree kallattiiwwan xiyyeeffannoon hojjechuuf karoorfate keessaa tokko nageenyaafi kunuunsa Fayyaa sammuurrattidha.

Haaluma kanaan mana barumsaa fedhii addaa Gidduugala Fawundeeshinii Dibooraa naannawaa Laga Xaafootti argamu daa’immaniifi dargaggoota rakkoo sammuu qaban kan tajaajilu ijaaruuf dhagaa bu’uraa kaahuun ijaarsasaa eegalsiisaniiru.

Waajjirri Giiftii Duree mana barumsaa fedhii addaa kana ijaarsisuuf qarshii miliyoona 19 kan ramade yoo ta’u, maddi qarshii kanas gurgurtaa kitaaba Ida’amuu Doktar Abiyyi Ahmadiin barreeffamerraa ta’uu beekameera.

Giiftii Dureen Zinnash erga dhagaa bu’uraa kaahanii booda gidduugalichatti biqiltuu dhaabaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015