Ministeerri Barnootaa guyyaan qormaanni biyyaaleessa Kutaa 12ffaa itti kennamu yeroo isaa durse akka beeksiisu gaafatame

122

Finfinnee,Amajji 24/ 2013(TOI)- Ministeerri Barnootaa guyyaan qormaanni biyyaaleessa Kutaa 12ffaa itti kennamu yeroo isaa durse akka beeksiisu gaafatame.

Ministeerichis guyyich dursee ifoomsuuf taableettoonni kuma 400 qormaatichaaf barbaachiisan gara biyya keessaatti galuu qabuu jedheera.

Koreen Dhaabbii Eegumsa Naannoo fi Horsisee Bultootaa fi Qonnaa mana marichaa raawwii hojii kurmaana 2ffaa hojiilee horsisse bultootaa fi naannoolee deeggrsa barbaadani biratti ministeerichaan hojjataman qorateera .

Gabaasa ministeerichi korichaaf dheesseen Naannoole horsiisee bultootaa Affar,Gaambeella, Sumaalee, Beenishaanguul Guumuz, Oromiyaa fi Naannoo Kibbaatti barnoota eegalchiisuuf hojjataa tureera.

Naannoolee kanneenitti weereera vaayirasi Koroonaa ittisuuf meeshaalee dhiheessi guutuun barnoonni eegaleera; kutaaleen dabalataa ijaaramaa kan jitran yoo tahu, hanqina barsiisootaa furuuf barsiisoonni toola oltootaa hirmaataa jiru jedheera.

Haa ta’uuti, naannoolee kanneenitti barnoota sadarkaa 1ffaa hanga Sadarkaa 2ffaatti jiran barattoonni giddugaleessaan harka 30 tahan hanga ammaatti gara mana baruumsaa hindeebinee jedhameera.

Waliitti qabduun koree Dhaabbii kanaa Aadde Almaaz Mallasaa akka jedhanitti,sosochii uummataan barattoonni gara mana baruumsaatti deebi’uu akka qaban ni barbaachiisa.

Kanamaleesi naannoolee fi qaamoolee dhimmichi ilaalatu waliin tahuun sagantaan nyaataa mana barnootaa eegaluu akka qabuus Aadde Almaaz hubachiisaniru.

Akka Aadde Almaaz ibsanitti, naannoolee deeggarsa barbaachiisaan dabalatee qormaanni biyyaaleessaa kutaa 12ffaa guyyaa itti kennamuu ifatti beekamuu akka qaba.

Kunis barattoonni qoramaataaf akka of qopheessan ni taasisa, maatiinis akka tasgabbiin ijooleee isaanii hordoofan ni taasisaa jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015