Humni Waraanaa Maaynaamaar folqolcha gaggeessuun hoggantuu biyyattii Uung Saan Suu Chii to’annoo jala oolche.

55

Humni Waraanaa Maaynaamaar folqolcha gaggeessuun hoggantuu biyyattii Uung Saan Suu Chii to’annoo jala oolche.

Humni Waraanichaa Uung Saan Suu Chii dabalataan aangoota biyyaatti hedduu to’annoo jala oolchuun aangoo biyyattii qabateera.

Humni Waraanaa erga aangoo qabatee booda TV irratti ibsa kenneen labsiin yeroo ariifachiisaa waggaa tokkoof labsamuu ibseera.

Filannoo Sadaasa darbe biyyattii keessatti gaggeeffamerratti atakaaroon humna waraanaa fi caasaalee bulchiinsaa mootummaa gidduu ture dhumarratti fonqolchi mootummaa haala kanaan akka raawwatuuf ka'umsa ijoo ta'uu ibsameera.

Maqaa Barmaa jedhamuunis kan beekamtu Maaynaanmaar hanga rifoormiin diimookiraasii bara 2011 biyyattii keessatti eegalutti humna waraanaan bulaa turte.

Aangoon biyyattii yeroo ammaa hooggana waraanaa olaanaa biyyattii kan ta'an Min Aung Hlaing'tti dabarfamee kennamuu himameera.Yeroo ammaa daandiin magaalaa Nay Pyi Taw akkasumas Magaalaan ijoon biyyattii Yangon humnoota waraanaan guutamaniiru.

Sadaasa darbe paartiin Suu Kyi' 'National League for Democracy (NLD)' jedhamu teessoo mootummaa hundeessuuf isa barbaachisu argachuu ibsee ture, humni waraanaa bu'aan filannoo waliin dhahameera jechuun komii achirraa eegale.

Fonqolchi mootummaa humnoota waraanaa biyyattiin raawwatame heera biyyattii kan humna waraanaa mataasaaniin waggaa kurna caalu dura baafame kan faallessuudha jedhameera.

Qondaalota siyaasaa gameeyyii akka Suu Kiy hidhuun dubbii hammeessuu danda’a jechuun fonqolchichi qeeqqamaa jira.

Saan Suu Chii intala nama abbaa bilisummaa Barmaa jedhamuun beekaman Jeneraal Ong Saan yoo taatu, bara 1991 badhaasa Noobeelii Nageenyaa mo'attee turete.

Maddi:-BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015