Ka’umsa balaa ibiddaa kutaa magaaloota Addisii katamaa fi Gullalee qulqulleessuun tarkaanfiin ni fudhatama jedhan Aadde Adaanach

68

Finfinnee, Amajjii 24/2013 (TOI)- Guyyaa kaleessaa ka’umsa balaa ibiddaa magaaloota Addisii fi Gullaleetti qaqqabee qulqulleessuun tarkaanfii akka fudhatamuu fi namoota miidhamaniif deeggarsii barbaachiisaan akka taasifamuu Itti Aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Aadde Adaanach har’a ganama kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 10 giddugalaa gabaa 'Ifooyitaa'tti argamuun balaa ibiddichaan miidhaa qaqqabee daawwachuun jiraattoota miidhaman jajjabeessaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa namoota balaa ibiddachaan miidhamaaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisuu himaniiru.Balichaan heddummina suqoota fi manneen gubatanii poolisiin adda baasaa jira jedhaniiru.

Ka’umsa balichaa beekuuf tattaaffi taasifamuu fi nageenyaa waloof namni odeeffannoo qabuu hundi poolisiif eeruu akka laatu waamicha dhiyeessaniiru.

Balaa walfakkataan akka kana akka hin qaqqabneef jiraattoonni magaalichaa of eeggannoo barbaachisaa akka taasisuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaatii Pireesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’dhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015