Lafaafi nyaanni isiinii kennamaa jedhamnee gara Naannoo Tigraayitti akka imallu ajajaamne, jedhan Hidhatootni ABO Shanee.

207

Finfinnee, Amajjii 22/20139TOI)--Lafaafi nyaanni isiinii kennamaa jedhamnee gara Naannoo Tigraayitti akka imallu ajajaamne, jedhan Hidhatootni ABO Shanee.

Gareen Juuntaa TPLF erga Raayyaa Ittisaa Biyyaa irratti haleellaa raawwatee booda Hidhattoonni ABO shanee naannoo Oromiyaa Godinaa Shawaa Lixaa bosonaa Cilimootti leenjia’aa turan garee TPLF deeggaruun mootummaa irratti waraanaa akka baanaanif ajajamuun naannoo Tiraayitti imala taasisuu isaanii hidhataa ABO Shanee leenjii haaromsaa fudhachaa jiru Dargaggoo Faayyisaa Takkaa hime.

Dargaggoon kun waggaa tokkoon dura ABO Shaneen filamuun ji’oota 6’fbosonaa cilimootti leenjii fudhachaa akka ture hime.

Hidhattoonni kunis waraqaa eenyummaa Humna addaa Poolisii Oromiyaa jedhu isaaniif erga kennamee booda gara adda waraanaa Raayyaatti imaluu isaanii hime.

Naannoo Raayyaattis hidhattoota humna addaa Tigraay waliin ta’uun Raayyaa Ittisaa Biyyaa waliin wal waraanuu eeggalu hime Dargaggoo Faayyisaa.Yeroo warannii cimee deemu hidhaattoonni TPLF yeroo bittinaa’an nutis yeroos addaan facanee jedha Dargaggoon kun.

Miseensonni ABO shanee waliin turres amma eessa akka jiran akka hin beekne hima.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015