Kaabineen bulchinsa magaalaa Finfinnee yaa'ii har'a taa'een murtoo adda addaa dabarseera

65

Finfinnee,Amajji,22/,2013(TOI)-Kaabineen Magaalaa Finfinnee kaffalttin durgoo mana jireenyaa barsiisootaaf ji'aan Birri 850 kaffalamaa ture gara Birri Kuma Sadiitti(3000)tti akka foyya'uu murtee dabarsu Bulchiinsi Magaalichaa beeksiseera.

Magaalaa Finfinneetti laftiifii manni jireenyaa waliinii,gamoofi manni gandaa qorannoon argame irratti murtiin darbuus Bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Murtee Kaabineen Magaalichaa guyyaa har’aa dabarseen gamoowwan 322 abbaan isaa hin beekamne caalbaasii ifaan gurguramee mootummaaf galii akka ta’u,Akkasumas manneen jireenyaa waliinii (Koondoomiiniyeemiin) karaa seeraan alaa qabamanii fi duwwaa ta’anii argaman kumni 21 fi 695 fayyadamtootaaf akka darban murtoo darbarsuu isaa ragaan Waajjira Pireesii Seekritiriyaati Magaalichaa irraa arganne ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015