Leenjisaa fi Abbaan murtii atileetiksii kan ta'an obbo Isheetuu Bayyuu boqatan - ENA Afaan Oromoo
Leenjisaa fi Abbaan murtii atileetiksii kan ta'an obbo Isheetuu Bayyuu boqatan
91
Finfinnee, Amajjii 21/2013 (TOI)- leenjisaa fi abbaan murtii atileetiksii kan ta'an obbo Isheetuu Bayyuu addunyaarra kanarra du’aan boqachu Federeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksise.
Obbo Isheetuu Bayyuun dhukkubsatanii hospiitaalaa Yakkatit 12tti yaalama turaanii kaleessa halkan Amajjii 20, 2013 lubbuun isaanii darbeera.
Guddina atileetiksii Itoophiyaa keessaatti gahee olaa akka qaban federeshinichi beeksiseera.
Naannoo Oromiyaattis waldaan abbootii murtii atileetiksii Oromiyaa akka hundeeffamu taasisuun hogggansaan hojjeta turaniiru.
Federeshiniin Atileetiksii Itoophiyasa boqachuu obbo Isheetuuf gadda itti dhaga’amee ibseera.