Bara kana hojii jallisii marsaa duraatiin lafa heektaara kuma 100 ol qamadiin faca'era.

91

Finfinnee, Amajji,20/2013(TOI)-Bara kana jallisii marsaa Duraatiin lafti heektaarri kuma 100fi kuma 34 qamadiin akka faca’e Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichatti Daarikteerri Ekisteenshinii Obbo Garmaamee Gaarumaa akka jedhanitti Itiyoophiyaatti wagga waggaan qamadiin kumtaala miliyoona 45 hanga mil. 50 yoo oomishames biyyittiin kan itti fayyadamtu Kumtaala miliyoona 60 hanga kumtaala Miliyoona 65 jedhan.

Kana irraa ka’uun mootummaan wagga waggaan qamadii kumtaala miliyoona 15 hanga miliyoona 20 alaa galchuuf dirqamee jira jedhan.

kanaaf waggoottan sadan darbanitti mootummaan fedhii kana guutuuf qamadii biiyya keessatti oomishuun kan alaa galu hambisuuf hojjechaa jiraachuu himan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015