Ministeerri maallaqaa Ahmad Shidee fi minisiteerri qonnaa Umar Huseen dhaabbata mootummota gamtoomanitti pirezidaantii koonfireensii jijjirama qilleensaa 26ffa Alook Shaarmaa waliin maryataan.

117

Finfinnee, Amajji, 20/2013(TOI)-Ministeerri maallaqaa Ahmad Shidee fi minisiteerri qonnaa Umar Huseen dhaabbata mootummota gamtoomanitti pirezidaantii koonfireensii jijjirama qilleensaa 26ffa Alook Shaarmaa waliin maryataan.

Minstirroonni kuneen marii Pirezidaanticha waliin taasisaaniin hojii jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti haala misooma magariisaa irraatti maryataniiru jedhamera.

Hojii jijjiirama qilleensaa ittisuuf hojjetamu keessatti badii umamaa irra gahuu karaa uumamaan deebisanii furuun barbaachisa akka ta'ees maryataniiru jedhamera.

Yaa'in dhaabbata mootummoota gamtoomanii 26ffan akka lakkoofsa awurooppaatti bara 2021 gara dhumarra Iskootilaad Gilasikootti akka geggeeffamu himaniru.





Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015