Naqamteetti dargaggoota kuma 3 fi 500 oliif carraan hojii uumameera

100

Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira carraa hojii uumuu fi wabii nyaataa magaalaa Naqamtee obbo Taarikuu Biraanuu akka jedhanitti, dargaggoonni kunneen fayyadamaa kan ta'an hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii walakkaa waggaatti hojjetameenidha.

Dargaggoonni kunneen hojii kana kan hojjetan dameewwan daldalaa, konistiraakshinii, tajaajilaa, qonnaa magaalaa fi oomishaatiin gurmaa'anii sochii taasisaniinidha.

Fayyadamtoota keessaa 652 kan ta'an barnoota olaanaa fi dhaabbilee teekiniikaa fi ogummaa irraa kan eebbifaman akka ta'e hubachiisaniiru.

Dargaggoonni sochiisaanii kanaan bu'a qabeessa akka ta'an liqiin birrii miiliyoona 27tti hiiqu akka mijaa'eef ibsaniiru.

Kana malees walitti hidhiinsi gabaa birrii miiliyoona 32tti hiiqu akka uumameef itti gaafatamaan kun dubbataniiru.

Baay'inni dargaggoota barana hojii jalqabanii bar'eengaddaa yeroo wal fakkaataa waliin yoo madaalamu dhibbantaa 13n akka guddate obbo Taarikuun himaniiru.

Dargaggoonni Taayyee Maammuyyee fi Dammallaash Galataa jedhaman damee hojii irratti bobbaaneen qulqullinaan hojjennee beekamtii argachuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Wayita ammaa pirojektii baasii birrii miiliyoona tokkoo fi qabxii tokkoon fudhatan yeroo qabameefitti xumuranii wal harkaa fuudhuuf hojjechaa akka jiran beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015