Karoorri misooma waggaa 10'f qopha'ee galma Itoophiyaan yaaddee akka geessuu kan gargaarudha jedhan Pirezidaantiin FDRI Sayileewariq Zawuudeen.

115

Finfinnee,Amajji,20 /2013 (TOI)- Karoorri misooma waggaa 10'f qopha'ee galma Itoophiyaan yaaddee akka geessuu kan gargaarudha jedhan Pirezidaantiin FDRI Sayileewariq Zawuudeen.

Karoora misooma waggaa 10'f Itophiyaan qopheeffate irratti ambaasaadaroota fi dippilomaatoota teessoon isaanii Finfinnee ta'eef galma Komishiinii dinagdee Afrikaatti ibsi kennamaa jira.

Sirna kanarratti pirezidaantiin FDRI Saaayileewariq Zawuudee dabalatee hoggantoonni mootumma biroon argamaniru.Pirezidaant Saayileewariq hasaa taasisaaniin karoorri waggaa 10 kun yeroo qopha'uu hundaa kan hirmaachiseefi hunda kan hammatedha jedhaniru

Qophii karooraa kana keessatti Dhaabbata mootummata gamtoomaniitti Sagantaan Misoomaa(UNDP) dabalatee dhaabileen deeggartoota misoomaa hedduun hirmachuus himaniru.

Karooricha hojirra olchuuf mootumman madda dinagdee barbachisu adda baasee kan jiru yoo ta'u kana galmaan gahuuf immoo caalaatti qamooleen dhimmi ilaallatu hunduu gaheesanii bahuu qabu jedhanirusi.

Hojirra olmaa karoorichaas sirni to'atu qophaa'uus himanii, kanneen qophiin karoora kana akka milka'uu taasisanis galateeffataniru.

Komishinerri Pilaanii fi misooma doktar Fitsum Asaffaa gama isaanitiin karoorichii itti yaadamee yeroo dheeraaf itti qopha'amee qamoolee dhimmi ilaallatu waliin kan qopha'ee karoora misooma uummatati jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015