Manni barnootaa sadarkaa 2ffaa Waajjira Giifti Dureen ijaarame har’a ni eebbifama.

72

Finfinnee,Amajji ,20/2013(TOI)- Naanno Affar Godina Awsuu-Rasuu Magaalaa Dubtitti manni barnootaa sadarkaa 2ffaa Waajjira Giifti Dureen ijaarame har’a ni eebbifama jedhame.

Sirna eebba mana barnoota kanarratti Giifti dure Zinaash Tayyaachoowu, Pirezidaantiin naannoo Affar obbo Awwal Arbaa fi hoggantoonni biroon federalaa fi naannoo ni argamu jedhame eegama.

Mannii barnoota waajjira giifti dureen ijarame kun farqaqaa lamaan baratoota kuma1 fi 800tu itti barachuu danda'a.

Manni barnooticha kutaa barnoota, Manneen yaalaa, maneen Kitaabaafi waantota biroo bartoonnii fi hojjetoonni mana barnootichaa itti tajaajilaman of keessatti qabatee kan ijarameedha jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015