Yuunivarsiitiin Haramaayyaa namoota 140 baqatummaarra gara biyyaatti galaniif carraa hojii akka argatan mijessera.

55

Harar,Amajji,19/2013 (TOI) Yuunivarsiitiin Haramaayyaa namoota 140 baqatummaarra gara biyyaatti galaniif carraa hojii akka argatan mijessera.

Namoonni kunneenis jiratoota godina harargee bahaati.

Yuunivarsiitichi dhaabbata baqatoota addunya(IOM) waliin ta'uun hojii baqatoota gara biyya isaanitti deebi'anii galaniif carraa hojii uumuu hojjechaa ture gamagamaa jira.

Yuunivarsiiti Haramaayaatti qindeessaan baqatoota biyya alaa irraa deebi'anii dhaabuu doktar Katamaa Baqqalaa akka jedhanitti Dhaabbata baqatoota addunyaa(IMO) waliin ta'uun hojii baqatoota biyya isaanitti deebi'anii deebisanii dhaabuu hojjechaa turaniiru.

Waggaa tokko fi ji'a 6tti aanaalee godinichaa keessaa 12 keessatti namoota baqaa irraa deebi'an 140'f gargarsaa ogummaa, hawaasumma, dandeetti daldalaa irratti leenjii kennamuufi himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015