Paarkiiwwan Industiriitiif humna nama baratee dhiiheessuuf hooggantoonni sadarkaan jiran xiyyeeffannoon hojjechuu qabu

66

Dabrabiraan Amajji,19/2013(TOI)- Paarkiiwwan Industiriitiif humna nama baratee dhiiheessuuf hooggantoonni sadarkaan jiran xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Komishiineerri carraa hojii uumuu federalaa obbo Nugusuu Xilaahuun himan.

Hojjetoonni Komishiinerichaa paarkii Industirii Dabrabiraan daawwataniru. Sirna kanarratti kan argaman obbo Nugusuu Xilaahuun Paarkoonni industirii oomishalee biyya alaatti ergaman omishuun jijjirraa maalla biyya alaa kan argamsiisanidha jedhaniru.

Dabalataanis iddoo beekumsii fi teekinojiiwwan itti ceesifaman fi carraa hojii bal'aas kan uumanidhas jedhaniru.

Waantoota kanas seeraan ittii fayyadamuun barbaachasa akka ta'e kan eeran Obbo Nugusuun, dargaggoonnii abbootii qabeenyaan paarkii industirii Dabrabiraanitti qacaramaan baay'een hojii dhiisani akka deemanis hubachuu himaniru.

Yeroo dhihoo hojii kan jalqabe industiriin manufaakcherii KK jedhamu fi kan abba qabeenyaa isaa lammii Ispeen ta'e hojjetoonni 200 ta'an hojii gadhiisanii deemuu himaniru.

Daraggoonni hojii dhabeeyyiin filamanii yeroo gara industiriitti qacaramaan gad dhiisaanii deemuun sirrii miti kan jedhan obbo Nugusuun, hoggantoonni naannichaa humana nama gahoomee fi haga barbaadamuu argachuuf xiyyeeffannoon hojjechuu qabus jedhaniru.

Komishiniichis paarkiwwan industirii humana nama baratee fi beekumsa gahaa qaban akka argataaniif cimsee kan hojjetu ta'uus himaniru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015