Ambaasaaddar Hiruut Zammanaan hoggantoota Paarlaamaa Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

64

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (TOI) – Beeljiyeem, Luksambargii fi dhaabbilee gamtaa Awurooppaatti ergamtuun addaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Hiruut Zammanaan hoggantoota Paarlaamaa Gamtaa Awurooppaa waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Hiruut, duula olaantumma seeraa mirkaneessuu, haala qabatamaa dhiyeessii deeggarsa namoomaa, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fi hojiilee bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayirratti ibsa taasiisaniiru.

Hojiin yakkamtoota seeraatti dhiyeessuu cimee itti fufuuus ibsaniiru.Walitti qabaan koree Misoomaa Paarlaamaa Gamtaa Awurooppaa Toomaas Toobbeen, Itoophiyaan naannichatti biyya murteessitu ta’uu ishee eeruun, lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggasri namoomaa itti fufiinsaan dhiyaachuu akka qabu dubbataniiru.

Itti aanaan Walitti qabaan koree dhimma alaa Paarlaamichaa Wiitoold Jaan Waazyikoowuskiin gama isaaniin Itoophiyaa tasgabbeessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Maricharratti miseensoonni tajaajila dhimma Alaa gamtaa Awurooppaa, Komishiniin tumsa idila addunyaa fi komishiniin hoggansa ittisa Sodaa balaa hirmaataniiru.

Ambaasaaddar Hiruut haala waqtaawaa Daangaa Ityoo – Sudaan, deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay fi qabiinsa mirga namoomaa, akkasumas dhimma filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa barana gaggeeffamurratti ibsa taasiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015