Godina Matakkalitti miseensonni humnoota nageenyaa farreen nageenyaa waliin hojjetan gochaasaanirra akka of qusatan yaadachisni laatame

74

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (TOI)- Naannoo Beenishaanguul Gumuuz godina Matakkalitti miseensonni humnoota nageenyaa humnoota farreen nageenyaa waliin hojjetan gochaasaanirra akka of qusatan yaadachisni laatameera.

Godinachatti miseensonni humnoota nageenyaa imaanaa uumataa dagachuun sochii humnoota badii deeggaruun ‘qar lameewwan gama lamaan hojjetan’ adeemsa isaanii sirreeffachuu akka qaban yaadachiifameera.

Koreen qindaa’aa Mootumma Federaalaatin hundeeffame hooggantoota humna nageenyaa fi miseensoota godinichaatti hojjetaniif leenjii laata jira.Korichi jiraattoota godinachaa waliin marii taasiseen rakkoo nageenyaa muudateerratti humnoonni nageenyaa tokko tokkoo harka keessaa akka qaban hubachuu beeksiseera.

Ta’us godinichatti hooggantoonnii fi miseensoonni humnoota nageenyaa akka gamaaggamanii fi leenjii akka fudhatan taasifamaa jira.Hooggantonni waraanaa sadarkaa gadii hanga olitti jiraanii fi akkasumaas poolisoonni leenjicha fudhachuu eegalaniiru.

Itti aanaan ajajan lixaa fi miseensii korichaa Birgaadeer Jeneraal Alamayyoo Waldee akka ibsanitti, humnoonni nageenyaa sabaa fi saballamoota garagaraa walqixxummaa fi amanamummaan tajaajilu qabu jedhaniiru.Falla kanaatin ammoo sosochiin seeraan alaa taasifamuu kamiyyuu aariitiin dhaabbachuu akka qabu yaadachifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015