Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee hoogganaa damee deeggarsaa Gamtaa Awurooppaa waliin haala yeroo Naannoo Tigiraayi irratti mari’atan.

53

Finfinnee,Amajjii 19,2013(TOI)- Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee hoogganaa damee deeggarsaa Gamtaa Awurooppaa waliin haala yeroo Naannoo Tigiraayi irratti mari’atan.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee Magaalaa Finfinneetti kan argaman hoogganaa damee deeggarsaa Gamtaa Awurooppaa obbo Erikaaber waliin dhimmoota deeggarsa namoomaa naannoo Tigiraayitti gtaasifamaa jiruufi akkaataa lammiilee deebisanii qubsiisuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Gamataan Awurooppaa deeggarsa namoomaa ilaalchisee yaaddoo qabachuu akka hinqabneefi haalli nageenyaa naannoo Tigiraayi jiru yeroorraa gara yerootti foyya’aa jiraachuu obbo Ahimad hubachiisaniiru.

Mootummaan Itoophiyaas qindeensummaa Koomishinii hooggansa balaa sodaa biyya keessaafi dhaabbilee alaa waliin waltumsuun deeggarsa ariifachiisaa taasisaa jiraachuus mirkaneessaniiru.

Deeggarsi taasifamus nyaata, meeshaleefi dhiyeessii dawaa baay’inaan naannoo Tigiraay dhaqqabaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015