Godina Arsii Lixaatti Lafta Heektaara kuma 3 fi 570 Irratti Qamadiin Jallisiin Oomishamaa jira

76

Finfinnee, Amajjii 17/2013 /TOI/ Godina Arsii lixaatti lafa heektaara kuma 3 fi 570 irratti qamadiin misoomaa akka jiru waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise.

Gareen gaazexessitootaa TOI godinichatti aanaalee Adaabbaa, Nagallee Arsii fi Heben Arsiitti argamuudhaan oyiruu qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwateera.

Godinichatti marsaa jalqabaatiin lafa heektaara kuma 3 fi 958 irratti qamadii oomishuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Abdallaa Ibraahiim ibsaniiru.

Haala kanaan lafti heektaarri kuma 3 fi 570 qamadii kan faca’e yoo ta’u, misooma kanarraa oomisha kuntaala kuma 296 argachuuf kareoorfameera.

Misoomni qamadiin jallisiidhaan akkaataan  itti oomishamu qonnaan bultootaaf leenjiin kan kennamee fi ogeeyyiin qonnaa deeggarsaa fi hordoffii taasisaa akka jiran obbo Abdallaan ibsaniiru.

Marsaa lammaffaan lafa heektaara kuma 5 irratti qamadiin jallisiin akka misoomu obbo Abdallaan himanii, walumaa gala lafa heektaara kuma 8 fi 958 irratti qamadii jallisiin oomishuuf karoorfamee hojiitti galamuu dubbataniiru.

Jiraataa aanaa Heben Arsii kan ta’e qonnaan bulaan Gammachuu Bulaa jalqabaaf qamadii jallisiin akka misoomsan himanii, sadarkaan biqiltuun qamadii irra jiru abdachiisaa ta’uu eeraniiru.

Aanaa Adaabbaa kan jiraatan qonnaan bulaan Margaa Gooban gorsa ogeeyyota qonnaarraa kennamuuf hojiirra oolchuudhaan oomisha fooyyee qabu akka argatan abdii qaban dubbataniiru.

Ogeeyyonni qonnaa TOIf yaada kennan akka jedhanitti jalqabarratti qonnaan bulaan jallisiidhaan qamadii oomishuuf shakkii keessa galanii akka ture himaniiru.

Ogeessi qonnaa aanaa Adaabbaa obbo Mahaammada Huseen qonnaan bulaa leenjisuudhaan kilaastaraan akka gurmaa’an waan taasifameef shakkiin ture dhabamuusaa dubbataniiru.

Galteewwan barbaachisan yeroodhaan qonnaan bulaaf dhiheessuudhaan oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Hojii kanatti seenuun dura qonnaan bulaan akka leenji’uu fi hubannoo akka argatu taasifamuusaa kan himan ammoo itti gaafatamaa waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa aanaa Eeban Arsii obbo Kaasahuun Galatooti.

Godinichatti qamadii fi kuduraa fi muduraa dabalatee walumaa gala lafti heektaarri kuma 23  jallisiin misoomaa akka jiru beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015