Tapha piriimar liigii har'aan Dirredawaan Adaamaa 3 fi 0 injifatte - ENA Afaan Oromoo
Tapha piriimar liigii har'aan Dirredawaan Adaamaa 3 fi 0 injifatte
96
Jimmaa, Amajji 17/2013/TOI/ Har'a ganama sa'a 4 irratti tapha torban saglaffaa piriimar liigii Itiyoophiyaa kiingi beetiingiitiin magaalaan Dirredawaa magaalaa Adaamaa 3 fi 0 'n injifatte.
Tapha kanaan Muhiddiin Muusaa daqiiqaa 15ffaa fi 24ffaan akkasumas Aschaaloo Girmaa daqiiqaa 48ffaan magaalaa Dirredawaaf gooliiwwaan lakkoofsisaniiru.
Haaluma kanaan magaalaan Dirredawaa garaagarummaa goolii bala'aan mo'ateera.
Dirredaawaan tapha har'aan qabxii 3 argachuun walumaagalatti qabxii 10 qabatee sadarkaa 8ffaarratti argamu.
Sa'a booda Hadiyyaa Hosaanaan Hawaasaa kanamaa waliin taphachuun sagantaan torban saglaffaa piriimar liigiichaa ni goolabama.