Tapha piriimar liigii har'aan Dirredawaan Adaamaa 3 fi 0 injifatte

96

Jimmaa, Amajji 17/2013/TOI/ Har'a ganama sa'a 4 irratti tapha torban saglaffaa piriimar liigii Itiyoophiyaa kiingi beetiingiitiin magaalaan Dirredawaa magaalaa Adaamaa 3 fi 0 'n injifatte.

Tapha kanaan  Muhiddiin Muusaa daqiiqaa 15ffaa fi 24ffaan akkasumas Aschaaloo Girmaa daqiiqaa 48ffaan magaalaa Dirredawaaf  gooliiwwaan lakkoofsisaniiru.

 Haaluma kanaan magaalaan Dirredawaa garaagarummaa goolii bala'aan mo'ateera.

 Dirredaawaan  tapha har'aan qabxii 3 argachuun walumaagalatti qabxii 10 qabatee sadarkaa 8ffaarratti argamu.

Sa'a booda Hadiyyaa Hosaanaan  Hawaasaa kanamaa waliin taphachuun sagantaan torban saglaffaa piriimar liigiichaa ni goolabama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015