Godina Matakkalitti hojii hojjetameen diina fi uummata adda baasuun danda'ameera

49

Finfinnee, Amajji,16/2013 (TOI) - Godina Matakkalitti hojii haga ammaatti hojjetameen diina uummata irraa addaa baasuuf hojii hojjetameen milka'inni gaariin akka jiru humni qinda'aan mootummaan godinichatti hundeesse beeksiseera.

Godinichatti dhalatoota hawaasa Gumuz sababaa rakkoo nageenya umameen baqatanii bosonatti galan keessaa kuma 15 kan ta'an gara qe'ee isaanitti deebisuusaa humni kun himera.

Ji'a tokko keessattis godinicha shoftoota irraa guututti bilisa baasuun kanneen qe'eefi qabeenya isaanii irraa buqqa'an gara qe'ee isaaniitti deebisuuf hojjetama akka jiru humni qindaa'a kun beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015