Dhaabbileen Barnootaa Olaanoo barattoota isaanii eebbisiisaa jiru.

54

Finfinnee, Amajji 15/2013(TOI)- Dhaabbileen Barnootaa Olaanoo barattoota isaanii eebbisiisaa jiru.

Haaluma kanaan Yuunivarsiitiin Waraabee, Injibaaraafi Jinkaa baratoota barsiisaa turan yeroo jalqabaaf eebbisiisan.Guyyaa har’aa Yuunivarsiitiin Waraabee barattoota muummee gara garaan barsiisaa ture kuma 1 fi 132 eebbisise. Baratoota yuunivarsitichi har'a eebbisisee keessaas 503 shamarranidha.Eebba baratoota yuunivarsiitii Waraabee kanarratti ministira muummee duranii obbo Hayileemaram Dassaaleny dabalatee keessummoonni biroonis argamaniru.

Haaluma walfakkatuun Yuunivarsiitiin Injibaaraas barattoota muummee garagaraan barsiisaa ture 957 yeroo jalqabaaf eebbisiiseera. Kanneen eebbifama keessas 437 baratoota shamarraniti.Sirna eebba baratoota kanaratti itti aanaa ministira muummee fi ministeera dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokoniin dabalatee keessummoonni biroon argamaniru.

Yuunivarsiitiin Jinkaas barattoota muummee garagaraan barsiisaa ture 854 yeroo jalqabaaf eebbisiiseera. Kanneen eebbifama keessas 353 baratoota shamarraniti.Sirna eebba baratoota kana hasaan kan banan walitti qabduun boordii bulchiinsa Yuunivarsiiti Jinkaa aadde Masarat Masqalee akka jedhanitti baratoonni har'a eebbifaman nagaan akka barnoota isaanii xummuraniif gahee guddaa kan bahan Jiraattoota magaala Jinkaa fi naannoo ishee galateeffataniru.

Yuunvarsiitiin Gondaaris barattoota Idilee, gannaa fi fagoon barsiisaa ture walumatti kuma 7 fi 293 eebbisiiseera.Eebbifamtoota kanneen keessaa kuma 2 fi 489 barattoota shamarraniiti.Sirna eebba bartoota kanarrattis pirezidaantii naannoo Amaaraa Obbo Aganyoowu Tashaagar dabalatee keessummoonni biroon argamaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015