Naannoo Tigraayitti namoota miiliyoona 2.5 deeggarsa dhiyeessuuf qophii ga’aan taasifamuu Komiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa beeksiseera.

49

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (TOI) – Naannoo Tigraayitti namoota miiliyoona 2.5 deeggarsa dhiyeessuuf qophii ga’aan taasifamuu Komiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa beeksiseera.

komiishinarri Komiishini Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaan ibsa laataniin, naannichatti hojiin olaantummaa seeraa kabachiisu osoo hin eegaliin namoota miiliyoona 1.8 taasifamaafi kan turee fi cimee itti fufuu ibsaniiru.

Kanneen keessaa miiliyoonni 1.1 fayyadamoo misoomaa seeftineetii akka ta’aniif kumni dhibba 6f ammoo deeggarsi guyya guyyaa taasifamaafi akka jiru himaniiru.

Namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 10 ammoo kan dura kutaa biyyaatti garaagaraatti walitti bu’iinsa muudatee tureen buqqa’uun naannichatti kan argamanidha jedhameera.

Gama biraatinis naannoo Beenishaanguul Gumuuzitti namoonni kumni 97 fi 613 buqqa’uu isaanii ibsameera.

Namoota kanneenifis deeggarsi taasifamuu cimee itti fufuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015