Boordiin Filannoo Waldaalee Siiviilii filattootaaf barnoota laachuuf gaaffii beekkamtii dhiyeessan marsaa jalqabaaf beekkamtii laate.

88

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (TOI ) – Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa Waldaalee Siiviilii filattootaaf barnoota laachuuf gaaffii beekkamtii dhiyeessan marsaa jalqabaaf beekkamtii laachuu beeksise.

Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa Waldaalee Siiviilii filattootaaf barnoota akka laatan beekkamtii laachuuf waamicha dhiyeesseen Waldaaleen Siiviilii sanadoota galchuun isaanii kan yaadatamuudha.

Gaaffii Waldaaleen kunneen dhiyaassan gamaaggamamuun sanadoota guutuu qaban akka guutuun hojjechaa turuu Boordichi beeksiseera.

Haaluma kanaan marsaa duraaf Waldaalee Siiviilii ulaagaa guutan 24f beekkamtii laachuu boordichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015