Abbootii lola Aduwaarratti hirmaatanirraa jaalala biyyaa fi tokkummaa barachuun ni barbaachisa - pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee

296

Aduwaa Guraandhala 23/2011 Abbootii lola Aduwaarratti hirmaatan irraa jaalala biyyaa fi tokkummaa barachuun akka barbaachisu pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee ibsan.

Pirezidaantiin kun kana kan ibsan ayyaanni injifannoo Aduwaa 123ffaa har’a magaalaa Aduwaatti wayita kabajamu haasawa taasisaniinidha.

Pirezidaanti Saahilawarqi haasawa taasisaniin, “injifannoon Aduwaa mallattoo ciminaa fi bilisummaa gurraachotaa idil addunyaatti har’allee kan dhaga’amu gootummaa abbootii keenyaa xomboora injifannoo fi bara hin yaadamnetti kan mul’ate mallattoo injifannooti” jedhaniiru.

Abbootiin keenya biyya eeganii kan dabarsan jaalala biyyaaf qabanii fi qajeeltummaadha kan jedhan pirezidaantittiin, wayita sanatti walitti bu’iinsii fi walii galuu dhabuun yoo jiraatellee, dhimma biyyaa araaraaf hin dhiheessine.

Labsii Miniliik lammaffaa hordofuudhaan hundi tokko ta’anii kabaja biyyasaaniitiif dahoo ta’anii duulaniiru, kanaanis guyyoota muraasa keessatti diina Itoophiyaa to’achuuf dhufe injifachuudhaan bilisummaa biyyasaanii eegsisaniiru jedhan  pirezidaantittiin.

Dhaloonni faana abbootiisaa hordofee garaagarummaa keenya  irratti wal dandeenyee dhimmoota tokko nu taasisanirratti xiyyeeffannee biyya keenya eeguu qabna jechuun yaadachiisaniiru.

“Biyyi dhaloonni itti aanu fudhatu biyya waliidhahamtuu fi raafamtuu osoo hin ta’iin, waan dandeenyu hunda raawwachuudhaan biyya tasgabboofte dabarsuu qabna” jedhaniiru.

Labsiin amma labsamuu qabu biyya hiyyummaa keessaa baatee fi biyya tasgabboofte uumuu akka ta’e pirezidaanittiin ibsaniiru.

Ministirri aadaa, tuurizimii fi Ispoortii Dr. Hiruut Kaasaahuun gamasaaniitiin,“Aduwaan seenaa waliinii kan itti hojjenne injifannoon waliinii kan itti argame Itoophiyaanonni hundi wal ga’anii dhiigaan bitanii seenaa keenyaan bakka olaanaa irra kan kaa’an waan ta’eef abbootii Aduwaarratti hirmaataniif galanni isaaniif haa ta’u” jedhaniiru.

Itoophiyaanonni seenaa isaanii waggaa kuma sadii keessatti waan gaariis ta’e waan badaa waliin dabarsaniiru kan jedhan ministirittiin, waliin jireenya keenya cimsuuf fakkeenyi Aduwaa caalu hin jiru jedhaniiru.

Dhaloonni har’aa gootota Aduwaarraa jaalala biyyaa fi gootummaa hubachuu akka qabus dubbataniiru.

Dhaloonni seenaa sirriitti hin hubanne har’a qofaa osoo hin ta’iin, borus gidiraan isa quunnama kan jedhan ministirittiin, dhaloonni kun seenaa keenya akka baratu hojjechuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Hooggansa mootii moototaa Minilikiin wagga 123n har’aa human weerartuu gita bittuu Xaaliyaanii qolachuuf lola taasifameen Itoophiyaanonni kuma dhibbaatti lakkaa’aman hirmaataniiru.

Itoophiyaanonni sanyii, amantaa, sadarkaa jireenyaan osoo gargar hin ba’iin miira tokkummaattiin daangaa-daangaatti wal waamanii duuluunsaanii injifannoo boonsaatiin akka isaan ga’e seenaa beektonni ni addeessu.

Injifannoon Aduwaa milkaa’uu sosochii Paan Afriikaa fi qabsoo bilisummaa Afriikaaf  bu’ura kan kaa’e ta’uus dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015