Injifannoon Aduwaa “guyyaa qabsoon bilisummaa Afriikaa kan itti eegalamedha”- pirezidaanti Uhuruu Keeniyaataa - ENA Afaan Oromoo
Injifannoon Aduwaa “guyyaa qabsoon bilisummaa Afriikaa kan itti eegalamedha”- pirezidaanti Uhuruu Keeniyaataa

Arbaamiinci Guraandhala 23/2011 Guyyaan Itoophiyaanonni Xaaliyaanota waraana Aduwaatiin mo’achuudhaan injifannoo olaanaa itti galmeessisan “guyyaa qabsoon bilisummaa Afriikaa itti eegaledha” jechuun pirezidzzntiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa ibsan.
Kaleessa irraa kaasee Itoophiyaa daawwachaa kan jiran Pirezidaanti Keeniyaataan, injifannoon Aduwaa Afriikaanonni kan itti boonan ta’uu dubbataniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi pirezidaanti Uhuruu Keeniyaataa naannoo saboota, sablammootaa fi ummattoota Kibbaa magaalaa Arbaamiinci daawwachaa jiru.
Jaarsoliin biyyaa Gaamoo injifannoo Aduwaa sababa gochuudhaan hoggantoota lamaan tokkoo-tokkoosaaniitiif Farda, gaachanaa fi eeboo kennaniiru.
Hooggantoonni kennaa jaarsolii biyyaa erga fudhatanii booda pirezidaanti Keeniyaataan haasawa galataa isaaniitiin, injifannoon Aduwaa Afriikaanota qabsoof kan dadammaqse ta’uu ibsaniiru.
Baatii Guraandhalaa bara 1888 waraanni weerartuu gita bittaa Xaaliyaanii erga mo’atamee booda Afriikaanonni dadammaquusaanii fi qabsoo bilisummaaf kaka’uusaanii seenaan ni dubbata.
Injifannichi galma ga’iinsaa sosochii Paan Afriikaatiif bu’uurri kaa’amuusaa yaada ibsudha ibsi pirezidaantichaa kan cimsu.
Injifannoon lola Aduwaarratti galmaa’e “qabsoo bilisummaa Afriikaaf bu’ura kaa’eera” kan jedhan pirezidaanti Keeniyaataa, injifannichi Afriikaanota deemsa gara injifannootti taasisaniif dadammaqiinsa kan uume ta’uusaas cimsanii kasaniiru.
Wayita ammaa ministirri muummee Abiyyi Ahimad naannawa kutaa baha Afriikaa tokko taasisuuf hojii hojjechaa jiran dinqisiifataniiru.
Ministirri muummee Abiyyi gamasaaniitiin, injifannoon Aduwaan “Abbootiin keenya goottonni aarsaa tokkummaaf jecha kafalanidha” jedhaniiru.
Itoophiyaanonni wal dhiibuu keessaa ba’anii hammataa ta’uu akka qaban cimsanii kan kaasan ministirri muummeen, wayita kanas injifannoon Aduwaa injifannoo dachaa akka ta’u ibsaniiru.
Yeroo ammaa ummanni rakkoowwan bakka addaddaatti ka’an dhaga’anii nahuu akka hin qabne eeranii, miira injifannoo Aduwaatiin caalaatti tokkummaasaaniitiif hojjechuu akka qaban ministirri muummee Abiyyi dubbataniiru.
Itoophiyaanonni Xaaliyaanii erga hinjifatanii dooda ummattoonni gurraachi bilisummaaf kaka’uusaanii fi bu’aa quubsaa galmeessuusaanii galmeen seenaa ni hubachiisa.