Hojii araaraa isaa dhumaan Tiraamp gorsaa isaa duriif dhiifama godhe

105

Finfinnee, Amajji,12/2013(TOI)-Hojii araaraa isaa dhumaan Tiraamp gorsaa isaa duriif dhiifama godhe

Pireezidantiin US aangoo gadhiisuuf jiru Doonald Tiraamp gorsaa isaa duraanii yakka hannaan himatamee Istiiv Baanooniif dhiifama godheera.

Kana kan beeksise Joo Baayidan pireezidantii ta’ee muudamuuf sa’aatiin muraasni yeroo hafudha.

Dabalataaniis Tiraamp sa’atii aangoo isaa xumuraa irratti namoota 70 biroofis dhiifama godheera.

Kanneen dhiifama godhameef keessaa weellistoonni Lil Weeyn, Koodak Bilaak fi bulchaan duraani Ditrooyit Kuwamee Kilpaatriik ni argamu.

Baanoon yeroo duulaa filannoo 2016 goorsaa pireezidant Tiraamp isa ijoo kan ture yoo ta’u, Hagayya darbe fandii daangaa US-Meeksikoo ijaaruuf walitti qabame irraa haatuun himatame.

Abbootiin alangaa akka jedhanitti Banoon fi namootni biroo sadii duula ‘Dallaa ni ijaarra” jedhuun doolaara miiliyoona 25 walitti sassaabame irratti namoota gumaachan kumaatamaan lakkaa’aman gowwomsaniiru jedhu.

Baanon gara doolara miiliyoona tokko kan fuudhe yoo ta’u, keessa gariin isaa ofii isaaf fayyadamuun himatame, inni garuu himannaa kana haaleera. Liil Weeyni fi Koodak Bilaak meeshaa waraanaa seeraan ala qabachuun kan himataman yoo ta’u, Kiwaamee Kilpaatriik ammo himannaa malaammaltummaan hidhaa wagga 28 itti murtaa’ee ture

Maddi- BBC News Afaan Oromoo

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015