Boordiin Filannoo Itoophiyaa murtoo dabarseen beekkamtii seeraa ABUT haquu beeksiise

85

Finfinnee, Amajjii 10, 2013 (TOI ) –Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa galmee paartilee siyaasaarratti murtoo dabarseen beekkamtii seeraa ABUT haquu beeksiise.

Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiya bu'uura labsii filannoo fi paartilee siyaasaa lakkoofsa 1162/2011 paartileen ulaagaa guutuu fi dhabuu isaan hordofaa turuu ibseera.

Boordichi kana dura paartilee ulaagaa guutanii fi guutuuf adeemsarra jiran maqaa isaanii tarreessuun kan yaadatamuudha.

Akkasumas paartilee kana dura murtoo hin argannee fi dhimmoota gaafatamanirratti deebii laatan ilaalchisee boordichi har'a murtoo dabarseera.

Haaluma kanaan Adda Bilisa Baasaa UmmataTigraay (ABUT) fi Paartii Qinijiit Tokkummaa fi Demookraasii dabalatee paartilee ulaagaa hin guunne beekkamtii seeraa isaanii haquu beeksiseera.

Komii paartii TPLF irratti dhiyaachaa ture adda baasuuf ibsa paartichi baasaa turee fi dhugaa lafa jiru qorachuu isaa boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibseera.

Boordichi ragaalee qorateen ABUT humnaan jeequmsa kakaasuu irratti hirmaachuu isaa mirkaneessuu himeera.

Paarticha galmee paartilee siyaasaa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaaf hirmaatan keessaa haquu isaa boordichi ibsa baaseen hubachiiseera.

Boordichi paartileen siyaasaa 52 ulaagaalee barbaachisu guutuun filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa irratti hirmaachuuf darbuu isaanii ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015