Boordiin Filannoo biyyaalessaa filannoo marsaa 6ffaa bara kan gaggeeffamu ilallchisuun qophii naannooleen taasisuu qaban ifa taasise.

55

Finfinnee,Amaajjii 10,2013(TOI)-Boordiin Filannoo biyyaalessaa filannoo marsaa 6ffaa bara kan gaggeeffamu ilallchisuun qophii naannooleen taasisuu qaban ifa taasise.

Haaluma kanaanis filannoo bara kana gaggeeffamuu rakkoo nageenyaa tokko malee akka taasifamuuf naannooleen qophii taasisuu akka qaban himameera.

Akkasumas filannoo Naannootti gaggeeffamu ilalachisuun naannooleen Godinaleetti akkaata boordiin filannoo kaa'ee yeroo jedhametti biiroo banuu qabu jedheera boordiichi.

Boordichi naannoo hundaa fi bulchiinsa magaalaa finfinnee fi dirree dawaaf biiroolee fi buufatalee filannoo barbaachisaan beeksiseera.

Haga ammaatti garuu akka jedhamanii kan raawwachuu isaaniif nu beeksisaan hin jiran jedhera.

Dabalatanis boordiichi hooggantootaa naannooleefi Godinaalee waliin yeroo yerootti wal arguun marii taasisaa akka jirus himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015