Aadde Adaanach Abeebee hordoftoota amantaa kiristaanaaf ergaa baga geessaani dabarsaniiru

77

Finfinnee, Amajjii 10, 2013 (TOI) – Itti aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hordoftoota amantaa kiristaanaaf ergaa baga geessaani dabarsaniiru.

Aadde Adaanach ergaa isaaniitin ayyaanichi waliin jireenyi keenya akkuma ayyaana cuuphaa kan itti miidhagu, jibbiinsi bade jaalala keenyaan akkuma cuuphaa addunyaa irratti kan ittiin beekamnuu fi nageenyi keenyas akka laga Yoordaanoos guutee faca’ee kanneen nagayaa dhaban hundaaf nageenya akka ta’u maqaa kiyyaa fi Bulchiinsa magaalichaatin nan hawwa jedhaniiru.

Akkasumaas ayyaanichi wayita kabajamu weerara vaayrasii koroonaarra of eeguun ta’uu akka qabu yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015