Ministiirri Muummee Itoophiyaa doktar Abiyyi Ahimad hordoftoota amantaa Kirstaanaa maraaf ergaa baga Ayyaana Cuuphaa geessanii dabarsaniiru.

64

Finfinnee,Amajjii, 10, 2013(TOI) -Ministiirri Muummee Itoophiyaa doktar Abiyyi Ahimad hordoftoota amantaa Kirstaanaa maraaf ergaa baga Ayyaana Cuuphaa geessanii dabarsaniiru.

Ayyaana Cuuphaa Iyyesuus Kiristoos wayita kabajnu wantoota lama nu yaadachiisa.

Inni jalqabaa ayyaanichi ayyaana naamusaa ta’uufi inni lammataammoo ayyanichi ayyaana Jijjiiramaa ta’uu isaati jedhan.Hunda danda’aa, hunda raawwataa,uumaa hundaafii hunda murteessa kan ta’e Waaqayyo ta’eewwan gidduutti argame.Harka Yohaannisitti Laga ,Yuurdaanositti Cuuphame.

Mataa isaa gadi qabatee gara Yohaanis deeme.Nama homaa hin qabne fakkaateet namoota walakkaatti mul’ate.Tarii yeroo sanatti namoonni laga Yuurdaanoos cinaatti argaman isaan keessa akka nama tokkootti isa ilaaluu danda’u.

Gama HeenoomifiiYuurdaanosii nama dhufe itti fakkaachuus danda’a.Garuu dadhabaa fakkaatee gidduu isaaniitti kan argame Kiristoos Waraana Hoomaa gelelii akka qabu hin beekan ta’a.

Nama isa Cuuphu Yohaanisiin dursee kan erge, namoota Cuuphamuuf naannoo sana marsanii jiran hunda biyyee irraa kan uume, kan itti cuuphaman laga Yoordaanos kan argamsiise ta’uu isaa hin beekani.Ijji arguuf ,gurri dhaga’uuf kan ariifatan,kabaja isaa osoo mul’isee dacheefii samiin fuula dura isaa dhaabachuu akka hin dandeenye hin beekani.

Naamusaan gidduu isaaniitti waan argameef.Humna Naamusa keessa jiruufii,dadhabbina oftuulummaa keessa jiru addunyaan kun hin beektu.Oftuulummaan kan kufe daabiloosiin ,Naamusaan injifateera.

Daabiloosiin kan gowwoomse humni oftuulummaa waliin jira itti fakkaateeti.Beetaliheemitti dallaa horii keessatti dhalachuun hojii naamusaati.Yuurdaanositti harka Yohaanisitti Cuuphamuuf samii irraa bu’uun hojii naamusaati.Daabiloos lamaanuu hin beekne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015