Raayyaan Ittisa Biyyaa waggoota saddeet darbaniti Naannoo Tigiraayitti hojiilee misoomaa birrii miiliyoona 100 fi miliyoona 13 tilmaamamu hojii tola ooltummaa hojjechuusaa beeksise

57

Finfinnee,Amajjii 09,2013(TOI)-Raayyaan Ittisa Biyyaa waggoota saddeet darbaniti Naannoo Tigiraayitti hojiilee misoomaa birrii miiliyoona 100 fi miliyoona 13 tilmaamamu hojii tola ooltummaa hojjechuusaa beeksise.

Raayyaan ittisa biyyaa ajajaa Kaabaa naannichatti hojiilee misoomaa garaa garaa hojjechuun aantummaa ummataaf qabu hojjechaa tureera.

Raayyaan Ittisa biyyaa ajajaa Kaabaa kun hojiilee tola ooltummaa hojjete keessaa: sababa garaa garaan daa'imman abbaa fi haadha hin qabne maanguddoota humna hin qabne, hojii misooma sululaa dhaabbii biqiltuufi kunuunsa, hojii manneen barnootaa ijaaruu, namoota human hin qabneef mana ijaaruu,daandii hojjechuu, midhaan aramuu, midhaan ga'e walitti qabuu fi gidduu gala dargaggootaa ijaaruu fa'i.

Kananis walumaa galatti Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 13 fi kuma 100 caalu hojii tola ooltummaa kana hojjechuusaatuu himame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015