Kantiibaa Itti aantuu magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee abbootii amantaa gara garaa waliin ta'uun bakka taaboonni bulu qulqulleessan.

72

Finfinnee, Amajjii 09,2013(TOI)-Kantiibaa Itti aantuu magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee abbootii amantaa gara garaa waliin ta'uun bakka taaboonni bulu qulqulleessan.

Aadde Adaanech karaa fuula beesbiikiisaanii akka jedhanitti,"Har’a ganama abbootii amantaa adda addaa fi dargaggoota magaalaa keenyaa hordoftoota amataalee garaa garaa hordofan ayyaanoonni biyya keenyatti kabajaman kanuma biyya keenyaati waan ta’eef “Jaalala Itoophiyummaa fi walooma keenya gochaan agarsiisna” jechuun ayyaanni cuuphaa fuuldura keenya kabajamu bifa ho’aa fi nageenyi isaa akka dabaluuf mana amantaa qulqulluu Yooseefitti saganytaa qulqullinaa adeemsifneerra.

Ayyaanni cuuphaa kuni faayidaa amantaatiin dabalatatti gama hawaasummaatiin akkasumas biyya keenyaa fi aadaa keenya Addunyaatti beeksisuu irratti gahee guddaa kan qabu waan ta’eef, waldanda’uun, jaalalaa fi hedddumminaa fi tokkummaa keenya Addunyaatti kan itti mul’isnu ta’uu qaba jedhan.

Qaamolee hojii qlulullinaarratti hirmaatan kanneenis galateeffataniiru adde Adaanach ergaa fuula feesbuukii isaaniirratti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015