arminaalli hunda galeessi tursa Horii gaanfaa Dooraalee eebbifamuu ibsame.

67

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (TOI) - Tarminaalli hunda galeessi tursa Horii gaanfaa Dooraalee eebbifamuu ibsame.

Buufanni Ityoophiyaa fi Jibuutiin eebbisiisaan kun dhiyeessii nageenyummaan isaa eeggamee fi yeroon qaqqabsiisuuf kan gargaaru ta'uu sirna eebbichaarratti kan argaman Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen dubbataniiru.

Tarminaalli Horii gaanfaa kun daldalaa alaa horii gaanfaa Ityoophiyaa caalmaatti kan guddisu ta'uu ibsaniiru.

Bara baajataa kana Ityoophiyaan xaa'oo biyyoo meetirik toonii miiliyoona 1.8 alaa galchuuf karoorfachuu obbo Umar himaniiru.

Milkaa'iina hojii kanaaf Jibuutii waliin qindoominaan hojjechuun murteessaa ta'uu dubbataniiru.

Sirna eebbicharratti Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen, Jibuutiitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa ambaasaaddar Birihaanuu Tsaggaayyee, ministirri Geejjibaa Jibuutii Moosaa Mahaammad, dura taa'aan buufata idil addunyaa Jibuutii fi naannoo bilisaa Abbuubakar Oomaar Hadiin dabalatee hoggantoonni olaanoon Ityoophiyaa fi Jibuutii argamuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul'iisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015