waggoota 35f Yugaandaa kan bulchan Kagutaa Museeveenii ammas filannoo pirezidaantummaa moo'atan

101

Finfinnee,Amajji,8/2013(TOI)Yuweerii Kagutaa Museeveenii kan waggoota 35 Yugaandaa bulchan ammas filannoo pirezidaantummaa Kamisa gaggeefameen mo'achuusaanii Komishiniin Filannoo biiyyattii beeksiisae.

Pirezedaantti Museeveenii filannicha kan mo'atan sagalee % 58.64 argachuun yoo ta'u, Morkataan isaa kan ta'e Reebert Kiylagulaanyi ykn maqaa waltajjii isaatiin Boobii Waayin jedhamuun kan ammoo sagalee %34.83 argachuun lamaffaa baheera.

Kana jechuun namoota filatan keessaa 5,852,037 Yuweerii Museeveeniidhaaf sagalee yoo ta'e, kanneen 3,475,298 ta'an ammoo Boobii Waayiniin filatan.

Namoonni filachuuf ba'an ammoo % 57.22 qofa akka ta'e himameera.

Yuweerii Museeveeniin waggaa 35 biyyattii kan bulchan yoo ta'u, filannoo miilana mo'atan kanaan waggaa shan dabalatanii waggaa 40f pirezedaantii biyyattii ta'u jechuudha.

Pirezedant Museeveeniin pirezedaantota biyyoota Afrikaa waggoota hedduuf aangoorra turan keessaa isa tokkodha. Inniifi paartiin isaa Sochiin Naashinaal Resiistaans waraana waggoota shaniin booda bara 1986 kan aangoo qabate yoo ta'u erga bara sanaatiin Yugaandaa bulchaa jira.

Deegartoonni isaa biyyattiidhaaf hanga tokko nagaafi badhaadhinni akka ta'u, keessumaa ammoo imaammatawwan fayyaa irratti inni fideef isa jajatu.

Tatamsa'inni HIV akka gadi bu'u taasiseera. Dhiyeenya kana ammoo tarkaanfiiwwan addaa addaa akka manneen barnootaa, manneen daldalaa cufuu, geejjibawwan dhaabsisuufi seera maaskii dirqamaan godhachuu kanneen jedhan fudhachuun weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf waan hojjetaniin galateeffatameera

Museeveeniin paartii isaa keessaa nama isa bakka bu'u adda baafatee hin qabu. Maanguddoon kun bara 2017 ammoo seera umurii pirezedaantii 75tti daangessu haqu baasuudhan akka ammas pirezedaantummaatiif dorgomuu isa dandeessisutti tolfateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015