Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lidataatti iddoon tursiisa taaboota dirree Machaaree qulqulleeffameera.

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (TOI)-Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lidataatti iddoon tursiisa taaboota dirree Machaaree qulqulleeffameera.

Duula qulqulliinaa kana irratti abbootiin amantaa garaagaraa fi hawaasni naannichaa hirmaataniru.

Ayyaana Cuphaa sababeeffachuuni dirreen Machaaree kan qulqulleeffame.

Duula qulqullina kana irratti kan argaman Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay, ayyaanni kun kan hunda keenyaati Ityoophinoonni ayyaanota waliin kabajuuf muuxannoo qabu jedhaniiru.

Ayyaanichi nagaan kabajamee akka xumuramuuf jiraattoonni magaalichaa akkuma baratamee tumsa akka taasisaan obbo Zhaanxiraar waamicha dhiyeessaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015