Ayyaanoonni Kataraa fi Cuuphaa nagaan akka kabajamuuf qophiin xumuramee gara hojiitti galamuu ibsam

58

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (TOI)-Ayyaanoonni Kataraa fi Cuuphaa bara kana nagaan akka kabajamuuf qophiisaa xumuree gara hojiitti galuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.

Hawaasni nageenya milkeessuuf tumsi taasisaa jiru cimee akka itti fufuus komishinichi waamicha dhiyeesseera.Komishinichi ayyaanoonni kunneen nagaan kabajaamanii akka xumuramaanif hojii yakkaa fi balaa tiraafikaa ittisuuf xiyyeeffannoo laachuun humna namaa hedduu bobbasuu ibseera.

Bakka kabaja ayyaanichaa Jaan Meedaatti (Hurufa Boombii) itti buufata poolisii yeroo banuun tajaajila akka laatuus ibseera.Richiiti dhukaasuun farreen nageenyaaf haala mijataa waan uumuuf richiiti dhukaasuun kan hin danda’amnee ta’uus ibsameera.

Dargaggoonni fi hodooftonnii amanitichaa akkuma kanaan dura humna nageenya waliin ta'uun ayyaanichi akka nagaan xummuramuuf hojjechaa jiran ammas itti fufuu qabu jedhera.

Haawasni rakkoo nageenyaan wal qabsiisee wantoonni shakkisisaan yoo muul’atanii fi tajaajila poolisii argachuuf sararoota bilbilaa 01-11-26-43-77 ፣ 01-11-26-43-59 ፣ 01-18-27-41-51 ፣ 01-11-11-01-11 fi sararaa bilbilaa bilisaan 991 fayyadamuu ni danda’uu jedhera.Karaa taabonnii darbu irratti konkolachiiftoonni qajeelchaa qamooleen nageenya kennaanif akkum kanaan duratti akka hordoofan komishinichii waamicha dhiheessera.

Amaajji 10/2013 irra calqabee hagaa taabonni galutti yeroo dheeraadhafis ta'ee gabaabaf konkolataa naannawwa taabonni itti bahuu Hurufa boonbii(Jaan meedaa) dhaabuun akka hin danda'amnees himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015