Itiyoo-Telekoom Maarchi 8 ilaalchisee moobaayilii kuma 70 dubartootaaf kennuufi

68

Finfinnee Guraandhala 22/2011 Itiyoo-Telekoom guyyaa dubartootaa idil addunyaa /March 8/ ilaalchisuudhaan moobaayilii kuma 70 siim kaardii abbaa birrii 15nii waliin dubartootaaf kennaa kennuufi.

Kubbaaniyyichi kennaa kana Bitootessa 1/2011 irraa eegalee dubartoota moobaayilii bitachuuf humna hin qabnee fi aanaalee 846 keessa jiraataniif siim kaardii abbaa birrii 15nii waliin kennuuf qophii xumureera.

Kennaa kana gumaachuuf akka ka'umsaatti kan fudhatame addunyaarratti biyyoota galii gadaanaa fi jiddu galeessaa qaban keessatti dubartoonni moobaayilii fayyadaman dhiirota waliin yemmuu madaalamu gadaanaa akka ta'e telekoomichi beeksiseera.

Eeruu odeeffannoowwan duraa irraa hubachuun akka danda'amutti dubartoonni moobaayilii fayyadaman baay'innisaanii dhiirotaa gadi.

 Daarektar eksikuutiiviin Itiyoo-telekoom adde Carar Akliiluu tajaajila oduu Itoophiyaatti akka himanitti, dubartoota fayyadamaa tajaajila moobaayilii taasisuun faayidaalee tajaajila odeeffannoo, hawaasummaa fi dinagdee argamsiisa.

Kanaaf, bitachuu osoo barbaadanii, garuummoo galiinsaanii xiqqaa kan ta'ee fi kana dura dubartoota fayyadamoo tajaajila moobaayilii kan hin taane  karaa aanaa fi gandaa adda baasuudhaan moobaayilii kuma 70 siim kaardii waliin kennuuf akka ta'e ibseera.

Kennaan kun fayyadummaa tajaajila moobaayilii garaagarummaa gama saalaatiin jiru hir'isuu fi dubartoota addunyaa dijitaalaa waliin wal quunnamsiisuudhaan itti gaafatama hawaasummaa akka ba'an jajjabeessuuf ta'uusaa daarektarittiin dubbataniiru.

Jijjiirama biyyattii keessatti adeemsifamu deeggaruuf  akkasumas dhaabbilee birootiif fakkeenya ta'uuf ga'eesaa ba'uuf yaaduun akka ta'e dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015