ABO shaneen diina uummata Oromooti- JIraattoota magaalaa Angar guutee

200

Naqamtee Amajji,07/2013 /TOI/ - Ergamtuu ABUT kan tatee ABO shaneen diina uummata Oromooti jechuun jiraattoonni godina Waggaa bahaa aanaa Giddaa ayyaanaa magaalaa Angar guutee hiriraa bahuun balaaleffatan.

Jiraattoonni kuneen dhaadannoo ABO shaneen diina uummata Oromooti, ABO shaneen uummata Oromoo bakka hin bu'u, ABO shaneen ergamtuu ABUT,jedhuu qabachuun kumatamaan bahaani balaaleffatani.

Jiraatoota kana keessa yaada isaanii Tajaajila Oduu Itoophiyaaf kan keennan akka jedhanitti mootummaa waliin ta'uun tokkummaa keenya cimsinee nageenya naannawwa keenya ni eegna jedhaniru.

Kantiiban magaalaa Angar guutee obbo Waasihuun Guddataa akka jedhanitti ABO shaneen ummata magaalaa yaadaan gargar baasuun akka wal hin amanne gochuuf yaalaa jira.

Uummannis kana hubatee tokkummaa isaa kan dur caalaa cimsuun nageenya magaalaa isaa akka eeggachuu qabu dhaamaniru.

Haaluma wal fakkatuun godinichaatti jiraattoonni Aanaa Sibuu siree, Gudayyaa biilaa, Gobbuu sayyoo, Waamaa agaloo, Biloo boshee, Waayyuu tuqaa, Guutoo giddaa,Nuunnuu qunbaa, Jimmaa arjoo, Leeqaa dullachaa fi Giddaa kiramuu, hiriira bahuun ABO shanee balaaleffataniru jechuun ittigafatamaan waajjira kominikeeshinii godinichaa obbo Zalaalaam Soorii beeksisaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015