Filannoon biyyaaleessaa sadarkaa biyyatti bara kana geggeeffamu nagaa fi haqa qabeessa akka ta'u manneen maree uummata sadarkaan jiran gahee isaanii bahuu akka qaban afa yaa'iin mana maree naannoo uummatoota kibbaa hubachiisan

66

Finfinnee, Amajji,7/2013 (TOI)- Filannoon biyyaaleessaa sadarkaa biyyatti bara kana geggeeffamu nagaa fi haqa qabeessa akka ta'u manneen maree uummata sadarkaan jiran gahee isaanii bahuu akka qaban afa yaa'iin mana maree naannoo uummatoota kibbaa hubachiisan

Afa yaa'iin mana marichaa aaddee Heleen Dababee kana kan dubbatan banisa sirna yaa'ii mana marichaa marsaa 5ffaa bara hojii 6ffaa ya'ii irifachiisaa 3ffaa irrattidha.

" Hojii seera maleesummaa garee ABUT fashaleessu keessatti aarsaa guddaa kan kanfalaan raayyaa ittisa biyyaaf ulfinni ni malas'' jedhaniru.

Injifannoo aarsaa guddaan argame kana eegachuufis filannoon bara kana geggeeffamu akka karaa milka'aa ta'een xummuramuuf manneen maree hojii fakkeenya ta'uun hojjechuu qabu jedhaniru.Yaa'iin mana marichaa kun guyyaa tokkoof ta'a.

Yaa'i kanaanis wixinee baay'ina miseensota mana maree sadarkaan jiranii murtessuuf qopha'ee ni raggaasisa. Bajataa dabalatas qoratee ni raggaasisa jedhamee eegama.

yaa'ii kanaan muudamaa abbooti seeraa fi miseensota hoii rawwachiftuus ni raggaasisa jedhamee egama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015