Yaa’iin Komishineerotaa Poolisii, karoora waggoottana 10’n dhufanii damee poolisii irratti walii galtee irra gahuun xumurameera.

51

Finfinnee,Amajje.04/2013(TOI)-Yaa’iin Komishineerotaa Poolisii, karoora waggoottana 10’n dhufanii damee poolisii irratti walii galtee irra gahuun xumurameera.

Yaa’iin komishineerotaa poolisii Federaalaa,Naannoleefii Bulchiinsota Magaalotaa kun guyyoota 2f Magaalaa Bishooftuutti taa’amaa ture.

Karoorri waggaa 10’ kun poolisii Aantummaa uummataa qabu,meeshaalee ammayyaa kan hidhateefi ogummaa gahaa kan gonfate ijaaruuf yaa’icha irratti marii gaggeeffameen walii galtee irra gahameera.

Dabalataanis filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan rakkoo nageenyaa tokko malee akka gaggeefamuufii Uummanni qaama isaa ta’u akka filatuuf poolisiin hojii nageenya eegsisuu ciminaan bahata jedhameera.

Karoora dhimma kana irratti qophaahe irratti herga mari’atameen booda Naannoleenis kan poolisiin Federaalaa qopheesse kana irratti hundaa’uun kan mataa isaanii akka qopheeffatan kallattiin taa’ee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015