Aadde Adaanach Abeebee qonnaan bultootaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu magaalichatti argaman waliin mari'atan

77

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (TOI)- Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee qonnaan bultootaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu magaalichatti argaman waliin mari'ataniiru.

Marichi mata duree "Hoggansa jijjiiramaa Qindaawe fayyadamummaa Haqarratti hundaa'eef'' jedhuun gaggeeffameera.Qonnaan bultoonni Magaalaan Finfinnee dachaan akka bal'attu waan qabnu hunda kenninee kabajaa fi faayidaa haqarratti hundaa'e osoo hin argatin miidhamaa turree warri numiidhan kufanii arguu isaaniitti gammaduu ibsaniiru.

Ammas naannawa keenyatti misoomaaleen bu'uuraa waan hin jirreef xiyyeeffannoon akka nuuf kennamu, warra maqaa keenya nuxureessanis nurraa dhaabsisaa jechuun gaafataniiru.

Aadde Adaanach marii keenyaan biyya keenyaatti jijjiiramni erga dhufee as bulchiinsi magaalichaa hojii magaalaa keenya misoomsuu fi guddisuurratti haala qonnaan bulaa giddu galeeffateeni fi fayyadamummaa haqaa irratti kan hundaa'e ta'uu akka qabaatu walii galuu ibsaniiru.

Hojii hojjatamaa jiru kallattii hojimaata fuula duraa fi hojiirra olmaa rakkoo fi muffii qonnaan bulaa kan hiiku akka ta'utti kan hojjannu ta'uus walii galuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015