Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liban Cuqqaalaatti, Manni Barnootaa Sadarkaa lammaffaa Ifa Liiban, Waajjira Giifti Duree Aadde Zinnaash Taayyaachoon birri miiliyoona 25 ijaarame guyyaa har'aa ni eebbifamera.

121

Finfinnee,Amajjii 03,2013(TOI0- Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liban Cuqqaalaatti, Manni Barnootaa Sadarkaa lammaffaa Ifa Liiban, Waajjira Giifti Duree Aadde Zinnaash Taayyaachoon birri miiliyoona 25 ijaarame guyyaa har'aa ni eebbifamera.

Eebbaa mana barnoota kanarrattis giifti duree Aaddee Zinnaash Taayyaachoo, Pireezidantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, HOgganaa biroo barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo fi aanga'oonni biroon argamaniru.

Ijaarsi mana barnoota kana waggaa tokko keessatti kan xummuramee yoo ta'uu bara kana baratoota 220 keessummees ni barsiisa jedhamera.Kanaan dura naannichatti manneen barnootaa kan fakkataan shawaa kaabaa,Harargee Lixaa fi Gudii lixaatti waajjira giifti dureen hojjetamanii xummuramun hojiitti galaniru.

Bara kanatti immoo manneen barnoota wal fakkataan godina shawaa lixaa, godina Arsii lixaa, Godina Wallagga Lixaa fi godina Jimmatti ijaramanii akka xummuramaniif hojjetama jira jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015