Ministeeronni dhimma alaa fi bishaanii Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Ijipt dhimma Hidha Haaromsaa irraatti mari'atan. - ENA Afaan Oromoo
Ministeeronni dhimma alaa fi bishaanii Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Ijipt dhimma Hidha Haaromsaa irraatti mari'atan.

FINFINNEE,Amajji 03,2013(TOI)- Ministeeronni dhimma alaa fi bishaanii Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Ijipt dhimma Hidha Haaromsaa irraatti mari'atan.
Waltajjichis ministira tumsa idil addunyaa Afrikaa Kibbaa fi dura taa’aa mana maree hojii raawwachiisaa Gamtaa Afrikaan waliin ta'uun karaa Viidiyoon mari'ataniiru.
Haaluma kanaanis Itiyoophiyaa fi Ijipt yaada murtoo Gamtaa Afriikaaf dhiyeessuuf kallattiin kaa’ameen waliigalanis, Sudaan yaadicha fudhachuu dhabuu isheetiin mariin taa'amaa ture xumramuu himameera.
Maricha irraattis Sudaan itti gaafatamni dabalataa ogeeyyiif laatamu qaba malee mariin taa'amuu hin qabu ejjennoo jedhu qabachuu ishees himameera.
Itiyoophiyaanis gaaffii Sudaan deebisuuf jecha nageenya Hidha Haaromsaa ,dhimmootaa teekinikaa fi odeeffannoorratti yaada waljijjiiruuf qophii ta’uu himteetti.