Rakkoo indastirii gogaa irraa jiru furuun bu'aa alergii argamu guddisuuf akka hojjatamuu Ministeerri Daldalaa fi Indastirii beeksise.

58

Finfinnee,Amajji 03,2013(TOI)- Rakkoo indastirii gogaa irraa jiru furuun bu'aa alergii argamu guddisuuf akka hojjatamuu Ministeerri Daldalaa fi Indastirii beeksise.

Jilli Ministeera Daldalaa,Institiyuutii Indastirii Gogaa ,Gabaa oomisha Itiyoophiyaa ,Biiroo Daldala Oromiyaa ,Investimantii Oromiyaa irraa walitti bahe indastirii gogaa magaalaa Mojoo daawwataa jiru.

Dameen indastirii gogaa bu'aa argamsiisuu qabun qixa bu'aa akka fiduuf xiyyeeffannaan hojjechuufi jedhan ministir deetaan Ministeera Daldalaa fi Indastirii Ambaassadaar Misgaanaw Argaaw.

Ala ergii gogaa jajjabbeessuun bu'a isaa guddisuuf xiyyeeffatame jedhan. Indastiriiwwan gogaas ,buufata balfa gogaa dhabamuun,hanqinni simintoo fi adeemsa alergii irratti buufata gogaa Mojoo adeemsi gumurukaa irratti hanqinni jiru akka furamuuf gaafatan.

Dhiyeessiin gogaa qulqullina qabu dhabamuuniis rakkoo tahuu eeran. Covid-19 damicharratti dhiibbaa uumuu eeraniru. Deeggarsi isaanii taasifamu ciminaan, hojii caaluuf qophaa'uu dureeyyiin damichaa himaniiru.

Maddi:-OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015