Figiichi Guddicha Itoophiyaa yeroo 20ffaaf taasifameen dhiiraan Abbee Gaashaahuun dubartootan Tsiggee G/salaam mo’atan

81

Finfinnee,Amajji 02, 2013(TOI) - Figiichi Guddicha Itoophiyaa yeroo 20ffaaf taasifameen dhiiraan Abbee Gaashaahuun dubartootan Tsiggee G/salaam mo’atan.

Figiichaa Guddichaa Itoophiyaa bara kana yeroo 20ffaaf taasifameen dhiiraan Abbee Gaashaahun Manaa Sirreessaa Naannoo Amaaraa irraa 1ffaan yoo xummuru Taddaassa Warquu Poolisii Kibbaa irraa 2ffaa akkasumas Milkessaa Mangaashaa Kilabii Sabbata irraa 3ffaa ta’uun dorgoomichaa xumuraniiru.

Dubartootan Tsiggee G/salaam Itiyoo-Atiliitiksii irraa 1ffaa Madiin G/Sillasee Baankii Daldalaa akkasumas Gabaayanash Ayyaleewu Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa 2ffaa fi 3ffaa ta’uun dorgoomichaa xummuraniiru.

Fiigicha kana ilaalchisuun dhaamsa kan dabarsaan Itti aantuun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fiigichi guddaan Ityoophiyaa fiigichaa fi ispoortiirra dabree kan tokkummaa, milkaa’ina, jaalalaa akkasumas madda hawwata Tuurizimii ta’uun maqaa gaarii biyya keenyaa ijaareera jedhan.

Nutis akkuma fiigichaa guddicha imala guddinaa biyyi keenya hiyyummaa mo’achuun guddina itti fufiinsa qabu galmeessuuf jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti injifataa haataanu jechuun dhaamaniru jechuun Pirees sekratariin bulchiinsa magaalichaa gabaasera.

.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015