Bulchiinsi magaalaa Finfinnee guyyaa har’aa namoota kuma 28 ol gara hojiitti kan bobbaasu ta’uu ibsame.

81

Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (TOI) - Bulchiinsi magaalaa Finfinnee guyyaa har’aa namoota kuma 28 ol gara hojiitti kan bobbaasu ta’uu ibsame.

Namoota kanneeniif carraa hojii haaraa uumuuf Koollejjoota Ogummaa fi Teeknikaa hunda keessatti leenjiin laatamaafi tureera.

Miidhagina magaalaa, misooma magariisaa, bolfa gogaa walitti qabuu fi dameewwan biroorratti leenjiin laatamaa tureera jedhame.

Namoonnii kunneen har’a bakka itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi hoggantoonni olaanoon magaalichaa argamanitti gara hojiitti kan bobba’an ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015