Muummicha ministiraa Dr. Abiyyiin misooma qarqara laggeen Finfinneef galii walitti qabuuf afeerraan irbaataa qophaa’uufi

Finfinnee Guraandhala 21/2011 Finfinnee magariisaa fi qulqulluu taasisuun karoora magaalaa bakka do’ii gochuu qabu galii pirojektii misooma qarqara laggeen Finfinneefi walitti qabuuf afeerraan irbaataa muummicha ministiraa doktar Abiyyiin akka qophaa’u eerame.

``Shaggariif muummicha ministiraa Abiyyii Ahmadii wajjiin irbaatatti dhiyaadhaa`` yaada jedhuun  misooma pirojektii qarqara laggeen Finfinneef galii walitti qabuuf kan oolu gabatee tokkoof qarshii miliyoona 5 murameera.

Abbootiin qabeenyaa bizinasaa, hojii raawwachiiftotni kubbaaniyaa, itti gaafatamtootni dhaabbata idil addunyaa fi miseensonni dippiloomaasii hawaasaa dhiyaanicharratti dhiyaachuuf teessoon fedhii isaanii itti ibsan ibsameera.

Haaluma kanaan pirojektii Shaggariin miidhagsuu deeggaruuf doktar Abiyyii waliin dhiyaanatti dhiyaachuuf sheger@pmo.gov.et irratti fedhii ofii ibsachuun akka danda’amu himameera.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin kan hojjetamu misoomni pirojektii laggeen gurguddoo Finfinnee qarshii biiliyoona 29 akka fudhatu ibsamee ture.

Misooma pirojektii qarqara laggeen Finfinnee irratti hirmaannaan godhamu dhaloota dhufuuf magaalaa miidhagduu dabarsuuf gatiin kan hin tilmaamamne ta’uu kan ibsan muummichi ministiraa, qaamni gargaarsa gochuu barbaadu afeerraa irbaatichaa irratti akka argaman ergaa dabarsaniiru.

Inxooxxoo dhaa hanga Qaallittii kan ga’an pirojektiin qarqara misooma laggeenii kunneen dheerina kiilomeetira 56 ni qabaatu.

Waggaa sadii keessatti ni xumurama jedhamee kan eegamu pirojektichi jiraattota magaalattii baay’eef carraa hojii akka uumu ibsameera.

Pirojektiin kun yoo xumurame uwwisa magariisaa ga’ee nama tokkoo kan magaalaa Finfinnee biyyoota Afriikaa hafan waliin yoo madaalamu kan dura meetir kuubii zeeroo tuqaa sadii turerraa gara meetir kuubii 7tti olguddisa.

Keessumaa seenaa fi hawattoota uumamaa akkasumas hojii bakka yeroo    boqonnaa itti dabarsan qopheessuun turiistoota hawachuuf akka dandeessisuuf odeeffannoon waajjira muummicha ministira irraa argame ni agarsiisa.

Laggeenii fi bakka uummanni itti socho’u tajaajila kennan jajjabeessuun kaaffewwannii fi manneen nyaataa akka babal’ataniif carraa akka kennudha kan eerame.

Dhangala’oon balfaa gara lagaatti dabalaman kallattiin isaanii jijjiiramee teeknooloojii ammayaan yaalamanii biqiltuwwan qarqararratti dhaabbatan obaasuuf akka oolan ibsameera.

Yeroo roobaa lolaan gara laggewwan kanaatti akka hin seenneef qarqararratti toorri dhangala’aa keessa darbu akka hojjetamu eerameera.

Pirojektichi sarara biskiliitii, dhiheessa bishaan dhugaatii qulqulluu fi tajaajila bashannanaa kan qabu yoo ta’u, aduurraa kan oomishamu anniisaa haaromeen tajaajila kenna.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015